(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 16,2009) Imaammata qoqqoodanii bituu fi ummatoota walitti diruu kan hordofu mootummaan wayyaanee, ammas bifa biraan magaalaa D.Dhawaa keessatti Oromoo fi Amaara wal irratti kakaasuuf shira xaxaa akka jiru maddeen gabaasan.
Mootummaan diina innikkaa ummata Oromoo ta’e kun, shira walitti bu’iinsaa ummatoota lamaan gidduutti xaxuun isa hanqatee, badii isaatiif Oromoo yakkamaa taasisee ilmaan Oromoo irratti miidhaa addaa geessisaa akka jirus hubatameera.
Tarkaanfii farra ummata Oromoo ta’e fudhataa jiru kanaan dargaggoota Oromoo bal’eessaa hin qabne adamsee dhaanaa fi hidhaatti guuraa akka jirus maddeen keenya mirkaneessaniiru. Dargaggootni Oromoo hedduun duula hidhaa sirnichi irratti banee jiru jalaa barmoota isaanii dhaabanii magaalaa D.Dhawaa gadi dhiisuun baqachuu irratti akka argamanis ibsameera.
MOA